Tekinooloojii

Adeemsa tekinooloojii IT bara 2023  (IT Technology Trends for 2023)

Bara odeeffannoo jedhamu keessa jiraanna. Jireenya nama hundaaf salphaa, guddatee fi fooyya'aa taasisuuf teekinoolojii haaraan guyyaa guyyan mul.achaa jira.

saffisnii tekinoolojii guddachaa jiruu har'a baay'ee guddaa dha jechuun ni danda'ama.

dhabbileen daldaalaa fi tekinooloojii haaraan  baasii hir'isuuf muxannoo maamiltootaa guddisu fi bu'aa guddisuuf gargaara.

Akka statistan jedhuttii bara 2030ttii meeshaalen gara biiliyoona 50 ta'an walitti hidhamiinsa interneetii ni qabatu. weerarrii COVID-19 imala jijjirama dijiitalaa dhaabbilee daldaala jabeesuun  galmii kun kan tilmaamamee caalaa dhihaateera. Teekinoolojiwwan IT haara ta'an waliin wal baruun hoji kee tarkanfachisuu fi carraa haara qorachuuf furtuu qaba.

Kanaafuu sun sirriittii siif maal jechuudha?

Oogummawwan barbaachisuu ta.an hunda kannen gara fuldurattii paakeejii mindaa hawwataa ta'een hojii argachuuf si gargaaruu danda'an argachuu jechuudha.

Kana yaada keessa galchuun, tarree adeemsa tekinoolojii haaraa haaraa mul'achaa jiraan olaano yeroo dhihoottii guddina guddaa argan qopheessineerra.

Amma mee haala tekinooloojii ol'aanoo irrattii haa mari'annuu:-

1. Sammuu namtolchee (AI) fi Barnoota Maashinii(ML).(Artificial Intelegece and Machine Learning)

Artifishal intelejensii AL jedhamuunis beekamu, waggoota kurnan  dura jaalala argachuu jalqabe.

ammallee saffisa isaa hinn hir'iisnee bara 2023ttii tekinoolojiiwwan addaa duree ta'aan keessa tokkoo ta'ee ittii fufeeraa. AI yeroo hunda guddachaa kan jiruu yoo ta'uu applikeeshiniwwan haaran tekinoolojii amma mul'achaa jiruu kanaaf biqiluu ittii fufaniiruu.

Applikaashiniwwan AI haar'a baay'ee beekamoo ta'an suuraa fi dubbii beekuu sagantaalee navigaashinii gargartota sagalee kan akka Siri fi Alexa kannen biroo hedduudha.

Dhabbileen AI fayyadamuun wal quunnamtii maamiltootaa fi daldaalaa xiinxaluun hubanno argachuu fi kaka'umsa adda baasuuf yaalaa jiru. feedhii tajaajilaa akka hoospitaala ykn turizimii tilmaamuuf gargaaruu fi ramaddii qabeenyaa piroojektootaa addaa addaa foyyeesuf gargaaraa.

Barumsii Maashinii(ML) qaama AI yoo ta'u  dalagaalee haaraa barachuuf barumsa to'annoo jalaa jala oole fayyadama. Fedhii ogeessota oogummaa qaban baay'ee dabaluu isaatiin ilaaluuf amala haarawwaa taasisera.

Akka Forrester jedhuttii  AI fi Maachine Learning bara 2025tti hojii haaraa US keessattii hojjeetamuu hunda keessa %9 itti gaafatamumma ni qabaatu.

2. Atomaatikii Adeemsa Roobootii (Robotic Process Automation) (RPA) 

Robotic Process Automation adeemsa daldalaa kannen akka daata walittii qabuu fi xinxaluu tajaajilaa maamilaa fi hojiiwaan irraa deddeebi'aman kan biroo kanaan dura adeemsaa harkaan bulfaman ofuman hojjechuufi sooftiwaaree fi aappilikaashinii heeduu fayyadama.

Akkuma AI fi Machine Learning RPA tekinoolojii saffisaan guddachaa jiruu fi hojiiwwan heddu industirrii addaa addaa keessattii  ofumaan hojjeetudha.

McKinsy hojiiwwan har'aa %5 gadi gutummattii ofumaan hojjechuu akka danda'an garuu gara %60 yoo xiqqaate gartokkon ofumaan hojjechuu akka danda'an xinxaleera.

RPA filannoowan hojii haaraa fi tarkanfiwwan hedduu kannen akka sagantaa, hoogaana pirojectiii, xinxala daldaalaa yookaan gorsa ni dhiheessa.

Akkasumaas dhaabiile adda  duree keessatti hojiiwwan kanfaltii olaanaa qaban kannen qaxxaa mura barumsaa gidduu  galeessa qabaniif balbala bana. hojiittii filachuun bu'aa guddaa siif argamsiisuu danda'a.

Post a Comment

0 Comments