Olmaa Oromiyaa

 Hangaa Ammaatti mootummaa waliin dubbiin eegalame hin jiru- Hidhattoota WBO


Waamichii araara mootummaa itoophiyaatiin erga dhiyaatee fi hidhatoonnii si machuu erga ibsanii ji'a tokkoon booda sochiin eegalamee hin  jiruu jedhan hidhattonni.

Hidhattonni waraana bilisumma oromoo kan mootumman shanee jedhuu fi shoror keessaa jechuun labse nagaa haqarrattii hundaa'ee fiduuf qaamnii sadaffa humna ittii qabuu fi hin caalsifne bakkaa  jiruttii araaraf qophii guutuu qabaachuu ibsaniiru.

Nagaa hawwuun barbaachiisaa dha sirriidhas. Oromoon nagaa barbaadaa, nutiis nagaa barbaanna, qaamnii idil addunyaas nagaa barbaadaa. Garuu nagaan sun akkamittii dhufaa kan jedhudha dubbin jirtuu, jechuun Gorsaan olaanan WBO Obboo Jireenyaa Guddataa Dubbatan.

Miseensinnii parlaamaa itoophiyaa naannoo oromiyaa irraa filataman Gamtaan Afrikaa mootummaa itoophiyaa fi hidhattoota WBO jaarsummaan akka ararsuuf Bitootessaa 20, 2023 Xalayyan gaafachuun gaafataniru.

Walakkeessumma ji'a kana itoophiyaa daawwatanii kan turan Ministeeri dhimma ala US Antoonii Bilinkanis Dhimmota Ministeera Mummee Abiy Ahmed waliin kaasaan keessaa tokkoo dhimmaa oromiyaa ture.

Dipilomaatin olanan Ameerakaa kun rakko nageenyaa oromiyaa keessa jiru mmarii nagaan akka furamuu qabullee wayita itoophiyaa daawwatan kana kaasaniiruu.

Obboo Jireenyaanis hangaa ammaatti biyyoonnii akkaa ameerikaa, Noorway, biyyoonnii ollaa itoophiyaa nagaan akka bu'uuf deeggarsa gochuu akka barbaadan isaanittii himaa turu dubbatan.

".... waan barbaachisu hundaa gochuudhaafis qophii ta'uu isaanii waan nuttii mumul'isan qabu. Hanga ammattii mootummaa waliin walittii dhufamee waantii dubbatamee hin jiru.

Haa ta'u malee qaamoleen nuufi mootummaa gidduu deddeebiyuudhan haasa'an jiru" jechuun dubbatan


Post a Comment

0 Comments