Miseensonnii Parlaamaa Gamtaa Afrikaa mootummaa fi hidhattootaa WBO akka ararsuu gaafatan

Miseensonnii Parlaamaa Gamtaa Afrikaa mootummaa fi hidhattootaa WBO akka ararsuu gaafatan
Miseensonnii Parlamaa itoophiyaa naannoo oromiyaa irraa filataman gamtaan Afrikaa mootummota itoophiyaa fi hidhattootaa WBO jaarsumman akka ararsuu gaafatan.
Miseensonnii lakkofsaan kudhanii ol ta'an guyyaa wiixataa xalayyaa dhaaba muummee isa finfinnee godhateef qaaman argamanii kennaniiru. 

Gamtaan Afrikaa mootummaa fi TPLF mariin wal dhabdee akka furan tumsuun waraana wagga lamaaf kaaba itoophiyaa goole xumura ittii tolchuuf gargaareera. 

Xalayaa kana irrattii miseensonnii kunnen gamtichi lola waggotaa afurii oliif oromiyaa keessa lubbuu hedduu galaafate salphisee ilaaleera jechuun guddaa gadduu ibsani. 
 
Nagaan Tigraayittii bu'e oromiyaa keessas akka bu'u ni barbaanna jechuun gaafatan. 
Gamtaan Afrika gidduu seenee jarsummaan walii galtee irraa akk gahamuu yaada dhiyeessaniiru.

Gaaffii miseensonnii parlaamaa Gamtaa afrikaaf dhiyeessan ilalchisee gamtichii dhimmicha irrattii wanti jedhe hin jiru. 
 
Misensonnii kunnen lila humnoota mootummaa fi hidhatoota adeemaa jiruu mariin akka furamu yeroo gaafatan kuni kan jalqabaa miti. 

 Mootumman naannoo oromiyaa baatii tokko dura waamichaa araaraa hidhattootaf dhiheessee ture.

Post a Comment

0 Comments